Education for Justice FACT SHEET I-3 (Oromo) Fall 2009
TURJUMAANA (NAMA AFAAN SII HIIKU)
ARGACHUUF
MIRGA ATI QABDU
YOUR RIGHT TO AN INTERPRETER
YOOMI
Waan deemaa jiru hubachuuf yoo si barbaachise turjumaana argachuuf
mirga qabda.
Jaarmotni
mootummaa naannoo ykn federaalaa irraa mallaqa argatan namoota beekumssa afaan
Inglizii irratti ir’ina qabaniif turjumaana tolaan dhiheessuu tu irra jira.
Kuni waajjiiraalee mootummaa hedduu, mana barmootaa, mana murtii, mana yaalaa,
poolisa, damee ibidda fi worra bu’aa malee tajaajila laatan dabalata.
TURJUMAANA
ARGACHUUF MAAL GOCHUU TU NARRA JIRA?
·
Turjumaana
gaafadhu. Akkana jechuu dandeetta: “I
need an Oromo interpreter.” (“Turjumaana Afaan Oromoo fedha.”)
· Jaarmaan sun yoo si dide, seerri turjumaana laadhaa fii akka jedhu yaadachiisi.
Waraqaa kana
TURJUMAANA ARGACHUUF HANGAM TURUU QABA?
Turjumaana
argachuun hanga ati gargaarssa dhabdu ykn ballama kee hanqattu dheerachuu hin
qabu. Turjumaana argachuun yeroo hangam akka si fudhatu faana bu’i.
TURJUMAANAAF EENYUUTU KAFALA?
Jaarmaya ati gargaarsa irraa feetu
sana.
YOO JAARMAAN
SUN TURJUMAANA KEE FIDADHU NAAN JEDHU HOO?
Jaarmayni tokko turjumaana fidadhu
jedhee si gaafachuun seeraan ala.
· Turjumaana gaafadhu. Yoo sii hin dhiheeffamin, barreeffamaan komadhu. Coopiisa ambifadhu.
· Yoo barbaadde turjumaana mataa keetii dhiheeffachuu dandeetta. Haa ta’u malee, jaarmaan tokko turjumaanuma ofitti dhimma ba’uuf filachuu danda’a.
·
Ijoolleen/namni umriin hin ga’in afaan hin
dandayan.
YOO HIKAAN
TURJUMAANA NAA GALUU DIDE MAAL GODHU?
Mirgi kee kan turjumaana argachuu
mirga turjumaana siif galu argachuu dabalata.
·
Yoo
wanni turjumaanni jedhu sii galuu dide turjumaanni waan san akka sii ibsu ykn
waan jedhe akka irra sii deebi’u gaafadhu. Gaaffii gaafachuu hin
sodaatin.
·
Yoo sii hin
QOODNI TURJUMAANAA MAALI?
Qoodni turjumaanaa waan dubbatamaa jiru afaan
keetin sitti himuu dha. Turjumaanni
wakiila ykn abokaatoo miti. Turjumaanni
YOO TURJUMAANNI KIYYA QOODA ISAA/ISII HIN BAANE RAAWATNE
MAAL GODHA?
Barreeffamaan
jaarmichatti komachuu qabda. Yoo gargaarsa feete, Gargaarsa Seeraa/Legal Aid/
yaami.
WAA’EE WARAQAALEE HIIKAMANII HOO?
Jaarmayni
tokko katabbii barbaachisoo ta’an gatii malee yeroon hiiksisuu tu irra jira.
Katabbii barbaachisaan beeksisa, iyyata, fi barrulee barbaachisan biraa dabalta.
TURJUMAANA ARGACHUUF MIRGA MAALIF QABAADHE?
Afaanif
nama looguun biyya dhalootaan nama looguu jechuu dha. Kuni biyya itti dhalatnii jecha nama loogan
jechuu dha.
· Mirgi turjumaanaa MIRGA HAWAASUMMAATI.
· Yoo dhaabbatni mootummaa federaalaatin gargaaramu tokko turjumaana hin laatne, akka Seera Mirga Hawaasumaa 1964 Mata Duree 6ffatti biyya dhalootaaf jecha nama looguu dha.
·
Jaarmoleen
YOO TURJUMAANNI NAAF HIN DHIHEEFFAMIN YKN TURJUMAANA KEE
FIDADHU NAAN JEDHAN AKKAMITTI KOMADHA?
· Maqaa fi kaardii biizinasaa (business card) namaa ykn jaarmaya mirga kee dhoowwatee qabadhu.
·
Nama itti mataatti (
· Komii galfadhu:
· Geggeessaa jaarmichaa ykn birkii mirga hawaasummaatti;
·
Damee Mirga Namoomaa
·
Dhaabbata federaalaa
·
Bulchaa magaalaa, Bulchaa Naannoo, Bakka Bu’oota
kee
· Eynuu fi yoom aka dubatte galmeefadhu. Copii xalayaa keetii ambifadhu.
Ona Hennepin
keessatti Jaarmaya Gargaarsa Seeraa
|
MN Legal Services Coalition |
Yoo umrriin xlayyaa tana bara tokko ol ta’e Dhimma
itti hin bahin. Hara’a argachuuf xalayyaa
nu barreessi. Xalayyaan tun rakkina seerraaf hikka ta’u hin dandeesu. Rakkina seerraaf abukkatoon marrihadhu. |