Education for Justice FACT SHEET T-2 (Oromo) 2009
ASSURRAA GALLI DURSITTEE ARGAATU
(AGDA)
ADVANCE EITC (EARNED INCOME TAX
CREDIT)
Mindaa kee
AGDA kana
haallan armaan gaditti ibsaman yoo qabaatte argatta:
$
Daa=ima gargaarsa argachuun malu yoo qabaatte
$
Abbaa
warraa ykn gargar bahuu keetiin galfachuuf yoo yaada qabaachuu baatte
$
Galiin
argachuuf abdattu $35,463 gad yoo tahe (yookiin $38,583 yoo kan maatiidhaan
walitti fudhatu ta’e).
$ Galiin investmentirraa argattu $3100 gad yoo tahe
$ Ati daa=imticha gargaaramuuf malu sun ykn nama nama biraa jalatti bulu tahuu dhabuu
$
$
Kan
abbichi si qaxare ashuura social security fi ashuura galii sirraa muru yoo
taate
Dursittee kafalli AGDA
argachuf:
1.
Formi W-5 guti. Formi kana bikka itti
hojjetturraa ykn IRS irraa argaachu nidandeessa bilbila IRS 1-(800) 829-3676
kanaan ykn fula Internet www.irs.gov irraa argaachuu nidandeessa.
2.
Formi guutte kanas abbicha si hojaachiisutti keenni.
3. Cheekin keetis maallaqa hanga argachuuf yaaddeen ol ka=a.
Yoo AGDA cheekki minda keeti
irraati argaate, formi federalaa 1040A ykn 1040
Yoo haalli kee jijjiirame, baruma sun keessatti formii
W-5 akka haarayaatti guuti.
Dursittee
AGDA argaachun mallaaqa argaachun maltu hingudissu; hinxiqeessuus.
Formin
W-5 barayyuu ji=a Muddee (December) 31 duratti dhumti. Kanaafuu barayyuu
W-5 formii haaraya akkaataa seera bara sunii eeggachaa guuttee abbicha si
hojjechiisuutti galchuu qabda.
OF
EEGANNOO: Jijjiiram jiru gabaasu
qabda!!! Galiin kee ykn haalli haaskaa (warra) keetii yoo jijjiirame, AGDA
argachuuf ulaagaa guuttachuu dhabuun kee nimala. Waan fudhatte hunda
deebitee kafaluun mudachuuf malta.
Da=ima
kiyyaan AGDA argaachuu nin danda=aa?
Ee,
ni argatta; ammo, seera armaan gadii hordofuu qabda:
$ Yoo da=imni falmattu kuni kan
dhalfatte, kan guddifatte, kan abbaa biddeenaa taatuuf, kan akaakoo taatuuf,
obboleessa kee, obboleettii tee, obboleeysa kee kan ayyadaan tee deesse,
obboleettii tee tan aayyadaan tee deesse yoo tahe guuttachuu nidandeessa. Kana
malees, ilmaan firoottan kee kanneen armaan olitti ibsamanirraa dhalatanii ati
akka ilmoo ofiitti nafaqaa itti gootu tahanis guuttachuu nidandeesssa.
$ Ilmoon sun ammo, kan
bara 2009 keessa cinaa waggaatiif si waliin USA keessa jiraachuu qaba,
$
Ilmoon sun:
Umriin isaa Muddee
(December) 31, 2009
December 31, 2009
barataa yeroo guyyaa guutuu baratuu tahee
Umriin isaa hamma
fedhelle tahu
·
Warra tokko keessatti
namuma tokko qofaatu daa=ima guuttachuu dandaya.
Yoo namoonni lama daa=mticha guuttachuu fedhanii irratti waliigaluu dhaban
namuuma bara kana keessa yeroo irra caaluuf daa=ima sanii waliin jiraateetu guuttachuu dandaya. Yoo isaan
lameenuu daa=imticha waliin walqixxee jiraatan nama galii irra caalu
argatuutu guuttatee bahii isaa falmachuu qaba.
Yoo ilmoon sun
$
Hawabbaa waliin
hinjiraanne
$
Nama ashuura kafalu
tokkoo oliif gargaarsa
$
Jarri ashuura kafalu
lameen eenyuun isaanii gargaarsa falmachuurratti yoo waliif galuu dhaban
abbicha galii guddoo qabuutu guuttatee kafallii gaafachuu qaba.
Guddifachaan gargaarsaan malu kami?
Ilmoon guddifachaa
Galiin Ashuurarraa naa deebitu
gargaarsaan gara biraarraa argadhu narraa nihambiftii?
Kafalliin EITC gargaarsa biyyaaf godhamu hin lakkaawattu.
Garuu waan akka gargaarsabifa for food stamps. Faa ni lakkaawata Bifa
waliigalaatiin , EITCin kafallii ji=a cheeka itti argattuufi ji=a itti aantutti llee akka galiitti hinlakkaawamu. Ji=a lama booda ammo, galiin siif hafu qabeenya qabdurratti
lakkaawama. Maallaqa siif deebi=e yoo wahitrratti baafte ragaa baasii tee mul=iftu qabaachuu qabda. Kaarniilee tee hunda jabaaffadhu.
|
MN Legal
Services Coalition |
Yoo umrriin xlayyaa tana bara tokko ol ta’e Dhimma
itti hin bahin. Hara’a argachuuf xalayyaa
nu barreessi. Xalayyaan tun rakkina seerraaf hikka ta’u hin dandeesu. Rakkina seerraaf abukkatoon marrihadhu.. |