Education for Justice                  FACT SHEET T-5   (Oromo)                                 2009

 

 

ASHUURRI SILAA SII DEEBI=U HOGGAA QABAME

WHEN THEY KEEP YOUR TAX REFUND

 

 

ASHUURRI NAMARRAA QABAMUUN MAALI ?

Mugoonni dhaabbata mootummaa ykn kan koonyaa yoo sirra jiraate qajeelchi tikagalii Minnesootaa Amaallaqa silaa bifa deebii ashuuraatiin ykn qabeenyaatiin siif deebi=u sirraa qabuu@ nidandaya. Maallaqa suniis warra mugoota sirraa qabutti erga. Kuniis galii qabanii mugoota kafalamuu dhabe galchuu jedhama. Muguunni kuniis maallaqa karaa hinmalleen maqaa gargaarsaatiin fuudhame, bahii wal=aansaaf liqiidhaan bahe ykn kan bifa nafaqaa daa=immaniitiin fudhatameefi kan wanjalaafi badii biraatiin akka adabaatti namatti murteeffamee osoo hinkafalamin hafe abbaa haqaatiif galchuuf ittiin gargaaramna.

 

 

HAALLI GALIIN TIYYA BIFA KANAAN QABAMUURRAA ITTI EEGGAMTU NIJIRAA?

Mugooni sirra jiraatulle haallan armaangadii qabaannaan maallaqni kee sirraa hinqabamu:

 

!                   Mugooni sirra jiru wl=aansaaf galiin kee kan yoggasii sadarkaa tokkoo gad yoo tahe maallaqni sirraa hinqabamu. Sadarkaan tunmmoo barayyu nijijjiiramti. Fakkeenyaaf mugoonni sirra jiru kan bara 2000 keessatti ittiinwal=aanamte yootahe galiin kee kan bara sunii ammo,

<                    $8,000 ykn achii gad yoo tahe {nam tokkoof};

<                    $11,270 ykn achiigad yootahe {nam tokkoof};

<                    $13,330 ykn achii gad {nam tokkoof};

Galii waggoota biraatiif nama namoota lama:ol of jalatti bulchuuf hammamii galiin waggaa hubachuuf lakkoofsa bilbilaa (651) 296-0230 bilbilaa gaafadhaa galii biyyaa gaafachuu nidandeessan.

 

!                   Mugoonni sirra jiru gargaarsa siin hinmalle waan fudhatteef tahee ammaas gargaarsa sun argachaa jirta kana jechuunsir GA gargaarsa nafaqaa joollee kkkf.haatahuummoo osuma gargaarsa argachaa jirtuu galii siif deebi=u. Sirraa qabuun nimala kuni ykn seera gargaarsa cabsuudhaan hamma silaa argachuu qabduu ol yoo fudhatte

 

!                   Dhaabbbattee mugoota sirraaqabu wajjiin waliin galtee kafalliidhaayoo qabaatta yaroodhaan kfalutti yoo jiraatte waliigaltee keessanii galiin isaa irraa hin qabamin yoo jedhe,

 

!                   Mugoonni sirrajiru waggoota 6 yoo caale haatahummmoo mugoonni sun liqii barnoota yoo tahe waggaa 6 caaliin qabamuun nimala

 

 

Haallan armaan olitti ibsamaniti galii kee sirraa qabuu hin dandyan Atimmoo, xalayaa iisaantti katabdee ibsuu si barbaachsa.

 

HUBACHIISA AKKAMIIN ARGACHUU QABA?

Dura ejensii mootummaa ykn kan koonyaatu xalayaa katabee galii keetirraa mugoota galfachuuf qajeelcha tikagaliidhaa gaafata. Achi booda guyyaa 5 keessatti xalayaa beeksisaa sitti katabee mirga qabduu waliin si hubachiisuu qaba. 

 

Wanni si hubachiisuus waan kanatti aanu tahuu qaba:

$                   Mugoonni sirra jiru kan maali, hammam akka taheefi yoom akka liqeeyfatte,

$                   Galii sirraa qabanii mugoota sirra jiru galfachuu akka fedhan,

$                   Waa=ee mugoota sirra jiruu kanas seeraan muggutuu akka dandeessu,

$                   Bifa kamiin muggutachuu akka dandeessu,

$                   Iyyachuus akka dandeessu ifatti siif ibsuudha qaba.

 

 

AKKAATAAN ITTI IYYATAN HOO AKKAMI?

Qajeelcha tikagaliitti osoo hintahin dhaabbata mugootan sirraa qaba jedhutti xalayaa katabda. Iyyannoon tee waa=ee galiin sirraa qabamuu tahuu gararree xalayaatti ifa goota. Galiin sirraa qabamuu akka hinqabnees bifa gabaabaadhaanibsita. Sababni keetis kanneen armaan gadii tahuun nimala

$                   Mugoonni sirra jiraachuu dhabuu

$                   Mugoonni sirra jiraatuus galiin tee qabamuurraa tan baraarmte tahuu (ulaagaalee gararreetti ibsaman laali)

 

Kooppii xalayaa teetii qabaadhu. Iyyannoon tee guyyaa beeksisni isaanii si gayerraa eegalee bultii 45keessatti dhaabbata mugoota sirraa qabuuf gayuu qabdi. Inniniis bultii 30 keessatti iyyannoo tee murtiif dhaddachatti dhiheessuu qaba. Muggutii tanaaf adafaanyii (lawyer) qabachuun si hinfeesisu. Yoo gorsaaf itti haajamte ammo, yaamuu nidandeessa,

 

Yoo murtiin dhaddacha heeraatirra sitti taate ammo iyyachuuf mirga hinqabdu.

 

Yoo beesisni mirgoota kee si hubachisu xalayaadhaan singayin ammo iyyachuu hindhoorkamtu:

$                   Xalayaa katabii iyyachuu akka feetu gaafadhu.

$                   Hamma xalayaan akkasii singayanitti bultiileen 45 ati iyyannoof qabdu sirratti lakkaawamuu hinjalqabdu.

$                   Yoo dhaabbanni sun beeksisa itti ergeen jira jedhee atimmoo osoo beeksisni sun sigayuu dhabe waan lamarratti murtiif dhihaatta. Lameenis: tokko, xalayaan si gayuufi sigayuu dhabarratti. Lammaffaangaliin kee sirraa qabamuufi sirraa qabamuu dhabarratti taha.

 

 

Minneapolis Legal Aid – CLE

MN Legal Services Coalition

2324 University Avenue, Suite 101B

St. Paul, MN  55114

Yoo umrriin xlayyaa tana bara tokko ol ta’e Dhimma itti hin bahin.

 Hara’a argachuuf xalayyaa nu barreessi.

Xalayyaan tun rakkina seerraaf hikka ta’u hin dandeesu.

Rakkina seerraaf abukkatoon marrihadhu.