Education for Justice                     FACT SHEET T-3   (Oromo)                                           2009

 

 

HORII HANQISA QARAXAATTI ERREGAMEE LIQEEFFATAMU

HORII SIIFI DEEBI’UU MALE OFI HARKAA HINBAASIN

TAX REFUND LOANS - DON’T GIVE AWAY YOUR REFUND

 

 

 

Namoonni qaraxa qopheessan tokko tokko  waan qaraxa irraa sii deebi’uu karaa ati daftee ittiin argatu sii malu. Warri kun liqii yeroo gabaabaa  (Rapid Refunds) yookiin Liqii horii qaraxa irraa argamutti herregamee kennamu [Refund Anticipation Loans (RALs)] jedhamanii waamamu.Guyyaa muraasa keessaatti horiikee si argachiisuudhaafi si abdachiisu. Muddamtee  maqaa horii callaatiin liqii otuu hinfudhatin, kan ati beekuu qabdu akka armaan gadiitti jira.

 

Qaraxikee akka siifi hojjetamuufi jecha liqii fudhachuu sinbarbaachisu. Qaraxakee tola hojjechiifachuu nidandeessa.

 

Liqiin deebi’ee kaffalamu dhala guddaa fii adaba horii qaba.   Liqii $1,500 torban lamaafi argachuufi gatiin (baasiin)  itti bawu karaa 3n akkana fakkaata:

                       

 

Gatiin liqii fudhatamee kaffalamuu (RAL)          

$75.00

 

 

Gatiin bu’aa “credit card”(Dhala 21%)

$26.25

 

Hiriyaa yookiin fira irraa yoo liqeeffatame

$  0

 

 

Hamuma horiin siidebi’uufi malu baayyatu, horiin tajaajila kanatti bawus nibaayyata!!

 

 

 

Horii sii debi’uufi malutti herregdee yoo liqii fudhattee, dhuma irratti horii xinnootu siifi hafa.

 

 

 

Kan qaraxa baste keessaa sii deebi’u

$ 1,500.00

 

Gatii qaraxii ittiin qophaawu     

$  -100.00

 

Gatii tajaajila liqii fii dhala isaa

$  -  75.00

 

Kan ati dhuma irratti argattu

$ 1,325.00

 

 

Liqeeffachuufi $75, qaraxakee qopheesisiisufi $100 kaffalteefi kan silaa tola hojjechiifachuufi jirtu.

 

Horiin siifi deebi’uufi malu ammas liqii garabiraa kaffalufi jecha sirraa fudhatama.Horiin “Bank” yookiin “company” irra jira yoo ta’ee, horii sii deebi’utti erregdee unkaa Liqii Horii argachuufi maltuu yoo mallatteessitee, Warri sii liqeessan kun horiikee kana liqii sirra jiru kaffaluudhaafi horiikeetti fayyadamu.Unkaa liqii sana mallatteessuun horri sii deebi’uu malee si hambisa.

 

Waggaa waggaatti IRS galii qaraxa irraa deebi’u hinerrega (hin qorqora). Kankee qorqoruudhaafi yoo filatanii, horiin siideebi’uu malu yeroodhaafi IRSn qabamee tura “company” horii sii debi’utti erregee liqii siifi laatee, hamma IRS horii qabe gadi lakkisutti homaa argachuu hindanda’u. “Company” liqii sii liqeesse kun hammasitti dhala baayyee sitti herregata

 

 

AKKAMITTAN HORII NAA DEEBI’UUFI MALU HUNDASAA BAASII MALEE DAFEE ARGACHUU DANDA’A?

Wanta qaraxa kee irraa sii deebi’uufi jiru tola qopheessisadhu. Yeroo qaraxaa kana Minnesota keessa Fedhaan Galii Qaraxa irraa argamuu hojjechuufi Gargaarsa kan godhan (VITA) iddoo baayyeeti kurfaa’anii (banamanii) jiru. Qaraxakee tola sii qopheessu. Waajjiri tokko tokkommoo waan ati qaraxa keerraa argachuufi maltu kompiyutera irratti sii galmeessu. Naannoo keetti waajjira VITA yoo barbaaddee, United Way 211 bilbili, Sadarkaa biyyoolessaa, yookiin magaalota lakkuu (Twin Cities) keessafimmoo yoo barbaaddee (651) 297-3724 bilbili.

 

IRS wanta qaraxa irraa sii deebi’u kallattiin akka lakkoobsa herega Bank keetti sii galchu taasisi.Yoo komputeraan galmaayee turban 2 keessatti, yoo karaa mana postaa xalayaan ergamee, turban 4 keessati horiinkee lakoobsa herrega bankii keetti sii galuu qaba. Galiin qaraxa irra deebi’u sadarkaa biyyoolessaatti dafeetu kennama!

 

 

KAN QARAXAKEE SII QOPHEESSU SEERA HORDOFUU ISAA HUBADHU.

 

Qopheessitoonni qaraxaa warri liqii nagadan (yoo liqii irraa hinfudhattu ta’ellee) kan gochuu qaban:

  • Waan ati qaraxa irraa deeffachufi maltu dafanii qopheessuu;
  • Akka ati mallatteessituufi otuu sin gafatin jalqaba unkaa guutuu;
  • Waan qaraxa irraa sii deebi’u ofi isaaniitin mallateessuu;
  • Hafii (garagalchaa) waan qaraxa irraa sideebi’u sii lachuu;
  • Hafii waan qaraxa iraa siideebi’u kan mirkaneessu waggaa 4 fi sii kaa’uu;
  •  Odeeffannoo dhimmakee ta’ee icitiitti qabuu;
  • Tajaajila kennanii fii gatii fudhatan ilaalchisee amanamoo ta’uu;
  • Horii sii deebi’uti heregdee liqii irraa hinfudhatu yoo ta’ellee waan qaraxa irraa ati argatu sii qopheessuu;
  • Hanqisa qaraxaa (credits) fii hanqisa galii (deductions) ilaalchisee waan sii ta’uu malu falmadhu.
  • Yeroo gaafattuti, galmee kee deebisanii sii kennuu (kan akka unkaa W-2)
  • Gatii akaakuu tokkicha malee waan ati argachuufi maltu irraa %n akka sin kaffalchiisne.

 

Qoheessitoonni qaraxaa horii qaraxa iraa argamu abdatanii liqii kennanii waggaatti dhalli dhibbantaa (%) meeqaan akka  herregamu (APR), galiinke hamamiin akka hir’ataa adeemu fi liqii otuu hinfudhatin kan ati qaraxa irraa argatuu yeroo hammamii keessatti  akka sii kennamu sirriitti si hubachiisuu qabu. Yoo tarii kaffaltiinke hintura ta’ee, dhala guddaa hinbaasta ta’uukee si akeekkachiisuu qabu. Atii fii qopheessaan qaraxaa beeksisa kana mallateessuu qabdu.

 

Qopheessaan qaraxaa waan kanaa gaditti barreeffamee jiruufi meeqa akka kaffaluu qabdu si beeksisu qaba:

·        Deebii qaraxa irraa argamu hojjechuufi;

·        Kompiyutera irratti galmessuufi;

·        Liqii horii argattu irratti hundayee fudhatamu (yoo liqeeffatteefi)

 

Yoo qopheessaan qaraxa keetii seera kana hordofuu baatee, Kutaa Galiiwwan Minnesotatti (Minnesota Department of Revenue) gabaasa godhi. Mana murtii seeraattis geessuu nidandeessa. Yoo himata ke mootee, gati ati abukaattoofi  baaste qopheessaa qaraxaa kanatu kaffala. Galii xinnoo qabda yoo taatee, lakkoobsa bilbilaa (612) 334-5970 yookii 1-(800) 292-4150 tiin Gargaarsa Seeraa (Legal Aid) waammadhu.

Minneapolis Legal Aid – CLE

MN Legal Services Coalition

2324 University Avenue, Suite 101B

Minneapolis, MN  55411

Yoo umrriin xlayyaa tana bara tokko ol ta’e Dhimma itti hin bahin.
 
Hara’a argachuuf xalayyaa nu barreessi.
Xalayyaan tun rakkina seerraaf hikka ta’u hin dandeesu.
Rakkina seerraaf abukkatoon marrihadhu.